Ulfaadhu Waaqayyo Uumaa Koo

From WikiMezmur, the free amharic mezmur lyrics database.
ዘልለው ለመሔድ፦ የማውጫ ቁልፎች, ፍለጋ
ሌሎች ፡ የድሮ ፡ መዝሙሮች
(Other Classic Mezmur Lyrics)

           Ulfaadhu WAAQAYYO Uumaa koo
           Du'a ba iikcghutee lubbuu koo
           Nagaa argateeraa keessi koo
           Galatan sii galcha Mootii koo

Yeroo jalqabaatti Addaam yakkinaan namni duraa
Cubbuun na mo'een kaadhe karaa badii gubbaa irra
Otuun joonja'uu dukkanni na marsee otuun gadduu
Ifni naa ba'e humna seexanichaa akkan mo'u

           Ulfaadhu WAAQAYYO Uumaa koo
           Du'a ba iikcghutee lubbuu koo
           Nagaa argateeraa keessi koo
           Galatan sii galcha Mootii koo

Kakuu isaf galte otuu hin irraanfatin yaadatee
Gooftaa YESUSiin gara biyya-lafaatti ergite
Laaqiin cubbuu dhaa dagadhee lixee kan na nyaate
Ija Abbummaa keen barbaaddee keessaa na baaffatte

           Ulfaadhu WAAQAYYO Uumaa koo
           Du'a ba iikcghutee lubbuu koo
           Nagaa argateeraa kessi koo
           Galatan sii galcha Mootii koo

Akka cubbuu koof fuula kee ijaajjuun kan naa hin taane
Makkan hojjedheef badii fi du'atu naa ta'a ture
Maqaa kee waamnaan badii lubbuu kooti jibbitee
Jaalala keetii fi baayy'ina araara keen na furte

           Ulfaadhu WAAQAYYO Uumaa koo
           Du'a ba iikcghutee lubbuu koo
           Nagaa argateeraa kessi koo
           Galatan sii galcha Mootii koo

Si'tu na jaallatee harka Abbummaa kee naa bal'iftee
Dhiphuu fi rakkina boolla du'aa keessa na baafte
Gatii sii baasuuf waan kanaan qixxaatu ani hin qabuu
Waan an danda'u galanni guddaan siif haa ta'u

           Ulfaadhu WAAQAYYO Uumaa koo
           Du'a ba iikcghutee lubbuu koo
           Nagaa argateeraa kessi koo
           Galatan sii galcha Mootii koo