Kan Fannifame Fayyisaa Yoo ilaalte

From WikiMezmur, the free amharic mezmur lyrics database.
ዘልለው ለመሔድ፦ የማውጫ ቁልፎች, ፍለጋ
ሌሎች ፡ የድሮ ፡ መዝሙሮች
(Other Classic Mezmur Lyrics)

Kan fannifame Fayyisaa yoo ilaalte
Ati immoo amma ni fayyita
Egaa ilaali yaa lubbu ni fayyitaa
Isa siif qalame ilaali

          Siif siif siif du'e
          Kan fannifame fayyisaa yoo ilaalte
          Ati immoo amma ni fayyita

Maal gochuuf gara keenyatti gadi bu'e ree?
Cubbuu kee yoo baachuu dhaa baate?
Maal guchuuf dhiiga isaa dhangalaase ree?
Ba'aa kee yoo baachu dhaa baate?

          Siif siif siif du'e
          Kan fannifame fayyisaa yoo ilaalte
          Ati immoo amma ni fayyita

Imimmaan kee si fayyisuu hin danda'u
Dhiiga isaatiin fayyita malee
Amma ba'aa kee wajjin dafii dhaqi
Gara garraamii Fayyisaa kee

          Siif siif siif du'e
          Kan fannifame fayyisaa yoo ilaalte
          Ati immoo amma ni fayyita

WAAQAYYO waan jedhe amantee kottu
Hundinuu siif kaa'ame jira
YESUS KRISTOOS biyya lafaa dhufeera
Hojii isaas sonaan raawwateera

          Siif siif siif du'e
          Kan fannifame fayyisaa yoo ilaalte
          Ati immoo amma ni fayyita

Egaa dhaqii YESUS biraa fudhadhu
Waan lubbuun kee fedhu hundumaa
Fayyinni kee fi jabinni kee isa woo
Atis deebitee hin dhiphattuu

          Siif siif siif du'e
          Kan fannifame fayyisaa yoo ilaalte
          Ati immoo amma ni fayyita