Galata Kee Ya Waaq Si Galateeffanna

From WikiMezmur, the free amharic mezmur lyrics database.
ዘልለው ለመሔድ፦ የማውጫ ቁልፎች, ፍለጋ
ሌሎች ፡ የድሮ ፡ መዝሙሮች
(Other Classic Mezmur Lyrics)

Galata kee ya WAAQ si galateeffanna
Ilillee fi gammachuun maqaa kee weeddifna
Gochaa kee kana hundaaf silaa maal deebifna
Ammas ammas daddaballee, galata kee jenna
Ammas amma daddaballe galata galchina

Akka yaada namaaf har'a hin geenyu turre
Gargar babbannee, kan facaane turre
Ati garuu Goftaa walitti nu qabdee
Kunoo hamma har'aatti moo'ichaan nu dhaabde

Galata kee ya WAAQ si galateeffanna
Ilillee fi gammachuun maqaa kee weeddifna
Gochaa kee kana hundaaf silaa maal deebifna
Ammas ammas daddaballee, galata kee jenna
Ammas amma daddaballe galata galchina

Dinni kan qopheesse akeeki isaan hin taane
Kan badii keenyaa murtoon isaa hin raawwanne
Maqaa kee waammannee dhugaan si kadhannee
Gargaarsi kee dhufnaan mo'icha arganne

Galata kee ya WAAQ si galateeffanna
Ilillee fi gammachuun maqaa kee weeddifna
Gochaa kee kana hundaaf silaa maal deebifna
Ammas ammas daddaballee, galata kee jenna
Ammas amma daddaballe galata galchina

Kiyyoon adamsaa nu qabuuf qophaa'ee
Hursaan galaanaa nu irra yaa'uuf ture
Diinni keenya afaan isaa kan nutti banate
Ilkaan isaaf nu hin goone humna keen nu baafte

Galata kee ya WAAQ si galateeffanna
Ilillee fi gammachuun maqaa kee weeddifna
Gochaa kee kana hundaaf silaa maal deebifna
Ammas ammas daddaballee, galata kee jenna
Ammas amma daddaballe galata galchina

Otuu ati nuu hin taanee ya WAAQ eegaa keenya
Ari'atamuu fi yeellootti iddoo baqa keenyaa
Silaa yoona hin geenyu seenaan keenya cimee
Waan nu jiraachifteef ya WAAQ galata kee

Galata kee ya WAAQ si galateeffanna
Ilillee fi gammachuun maqaa kee weeddifna
Gochaa kee kana hundaaf silaa maal deebifna
Ammas ammas daddaballee, galata kee jenna
Ammas amma daddaballe galata galchina