Eenyummaa Koo Beekta

From WikiMezmur, the free amharic mezmur lyrics database.
ዘልለው ለመሔድ፦ የማውጫ ቁልፎች, ፍለጋ
Broom.png ይህ ፡ ጽሑፍ ፡ ገና ፡ አልተረጋገጠም ። እርማቶች ፡ ሊያስፈልጉት ፡ ይችላል ። ከቻሉ ፡ እርስዎ ፡ ያሻሽሉት
ሌሎች ፡ የድሮ ፡ መዝሙሮች
(Other Classic Mezmur Lyrics)

። Eenyummaa koo beektaa si dhoksuu hin danda'uu dadhabbii koo
Dhaabbachuu dadhabee yeroo hundaa mucucaate qalbiin koo
Anaan kan na qabus cimsee kan na dhaabus situ beekaa
Eessan dhaqa Yesuus amma ati na yaadattuttan Si eega (2X)

Biyya Kana’aaniin kan abdachiifamee achi ilaalee
Museen waan guungumeef karaatti hafe malee itti hin galle
Gungummiin garaa koos si duraa hin dhokatu ni argita
Maaloo yaa Yesuus koo anoo dadhabduudhaa maaf na dhiiftaa?

 ። Eenyummaa koo beektaa si dhoksuu hin danda'uu dadhabbii koo
Dhaabbachuu dadhabee yeroo hundaa mucucaate qalbiin koo
Anaan kan na qabus cimsee kan na dhaabus situ beekaa
Eessan dhaqa Yesuus amma ati na yaadattuttan Si eega (2X)

Asii fi achi ilaalee abdii at naaf laatte irraanfadhee
Hasaasa diina koo na gargaara se’ee dhaggeeffadhe
Har’a kaachuu kootiif fedha garaa kooti inni kiyoo dha
Guduunfaa koo hiikuuf keessa koo qulleessuuf at jabaadhaa

 ። Eenyummaa koo beektaa si dhoksuu hin danda'uu dadhabbii koo
Dhaabbachuu dadhabee yeroo hundaa mucucaate qalbiin koo
Anaan kan na qabus cimsee kan na dhaabus situ beekaa
Eessan dhaqa Yesuus amma ati na yaadattuttan Si eega (2X)

Dadhabbii kee keessaan humni Waaqaummaa koo ni mul’ata
Ayyaanni koo duwwaan si gahaa dhaabadhu jette Gooftaa
Humna kee naaf kenni ayyaanni kee duwwaan na gahaatii
Sin eega yaa Yesuus na yaadadhu fannoo kee jalatti

 ። Eenyummaa koo beektaa si dhoksuu hin danda'uu dadhabbii koo
Dhaabbachuu dadhabee yeroo hundaa mucucaate qalbiin koo
Anaan kan na qabus cimsee kan na dhaabus situ beekaa
Eessan dhaqa Yesuus amma ati na yaadattuttan Si eega (2X)

Atoo amanamaa dha warra dadhabanis gargaaruufi
Hawwiin koo guddaa dha jabaadhee kaachuu koo xumuruufi
Akkan isa hin dhiifneef na keessa bulchiteetta hawwa gaarii
Abdiin koo si biraa adaraa yaa Yesuus na gargaari