Dammaqi

From WikiMezmur, the free amharic mezmur lyrics database.
ዘልለው ለመሔድ፦ የማውጫ ቁልፎች, ፍለጋ
ሌሎች ፡ የድሮ ፡ መዝሙሮች
(Other Classic Mezmur Lyrics)

          Dammaqi (4x)
          Iddoo jirtu bari ariifadhuuttii
         Otuu yeroo qabduu wayyaatii
         YESUS ni deebi'aa guyyaa isaatti

Biyyi-lafaa ni darba guutummaan hojii isa
Maaf ittin gowwoomta maaf kaatta duukaa isaa
Bareedaa fakkaatee argama bu'aan isaa
Gubii bara-baraa fi badiisa dhumni isaa

          Dammaqi (4x)
          Iddoo jirtu bari ariifadhuuttii
         Otuu yeroo qabduu wayyaatii
         YESUS ni deebi'aa guyyaa isaatti

Hir'uu amantiitiin dhaabachuu hin dandeessuu
Guutuu taatee argamuuf abboomii isaa hubadhu
Quba keetti hidhadhu garaa keetti caaffadhu
Waan gootu hundumaatti ogummaa bitadhu

          Dammaqi (4x)
          Iddoo jirtu bari ariifadhuuttii
         Otuu yeroo qabduu wayyaatii
         YESUS ni deebi'aa guyyaa isaatti

Guyyaan har'aa ni darba deebi'ee hin dhufu
Booddeetti deebi'ee lamuu hin lakkaa'amu
YESUS ni deebi'a guyyaa isaa eeggatee
Fuula isaa arguudhaaf qophoofteeta moo ree?

          Dammaqi (4x)
          Iddoo jirtu bari ariifadhuuttii
         Otuu yeroo qabduu wayyaatii
         YESUS ni deebi'aa guyyaa isaatti