Yommuu Diinni Koo Na Doorsisu

From WikiMezmur, the free amharic mezmur lyrics database.
ዘልለው ለመሔድ፦ የማውጫ ቁልፎች, ፍለጋ
ሌሎች ፡ የድሮ ፡ መዝሙሮች
(Other Classic Mezmur Lyrics)

          Yommuu diinni koo na doorsisu
          Gooftaa YESUS ko na jabeessi
          Biyya lafaa keessa hamma ani darbutti
          Ati kottu na geggeessi
          Qorumsi yommuu natti baay'atu
          Obsuu dadhabee yommuun aaru
          Gooftaa si malee maalan qaba
          Kan rakkina kootti na gargaaru

Hamma dhumaattis nan jabbadha
Gargaarsa naa ta'i WAAQA ko
Anaa kufee joonja'ee jiru
Akka na hin arganne kiinni koo
Humna kee akka ani hin daganne
Siin WAAQA isa hundumaa uume
Gowwoomsee akka na hin balleessine
Garaa koo midhaaniin mo'atee

          Yommuu diinni koo na doorsisu
          Gooftaa YESUS ko na jabeessi
          Biyya lafaa keessa hamma ani darbutti
          Ati kottu na geggeessi
          Qorumsi yommuu natti baay'atu
          Obsuu dadhabee yommuun aaru
          Gooftaa si malee maalan qaba
          Kan rakkina kootti na gargaaru

Mara kan biyya lafaa ni darba
Dheekamsi mul'ate hin dhufu
Diinni akka na hin marsine
Na dammaqsi ani yommuun rafu
Gonkumaa akka ani hin jilbeefanne
Seexana dura amajaajii koo
Qalbii koo naa banii yaa Gooftaa
Jabaa humna kee fudhachuu dhaaf

          Yommuu diinni koo na doorsisu
          Gooftaa YESUS ko na jabeessi
          Biyya lafaa keessa hamma ani darbutti
          Ati kottu na geggeessi
          Qorumsi yommuu natti baay'atu
          Obsuu dadhabee yommuun aaru
          Gooftaa si malee maalan qaba
          Kan rakkina kootti na gargaaru

Fedha foon kootii duukaa bu'ee
Dubbii kee dhaga'uu dhaaf jibbee
Baay'isee natti dhaga'ama
Ani cubbamaa akkan ture
Yommuu ani badiisaaf tattaafadhu
Ati na waammadhu ofiin illee
Akka fedha kootti adeemuudhaaf
Natu si jalaa dide malee

          Yommuu diinni koo na doorsisu
          Gooftaa YESUS ko na jabeessi
          Biyya lafaa keessa hamma ani darbutti
          Ati kottu na geggeessi
          Qorumsi yommuu natti baay'atu
          Obsuu dadhabee yommuun aaru
          Gooftaa si malee maalan qaba
          Kan rakkina kootti na gargaaru

Homaa argachuuf hin dandeenye
Biyya lafaa keessa qaxxisee
Ooluudhumaafuu rakkoon jira
Keessaa ba'uudhaaf hin dandeenye
Boo'ee imimmaan koo dhangalaasee
Dafii na bira ga'i Gooftaa
Naasuun lubbuu koo dhiphisee

          Yommuu diinni koo na doorsisu
          Gooftaa YESUS ko na jabeessi
          Biyya lafaa keessa hamma ani darbutti
          Ati kottu na geggeessi
          Qorumsi yommuu natti baay'atu
          Obsuu dadhabee yommuun aaru
          Gooftaa si malee maalan qaba
          Kan rakkina kootti na gargaaru