Yesus Maal Maqaan Gaarii Akkasi

From WikiMezmur, the free amharic mezmur lyrics database.
ዘልለው ለመሔድ፦ የማውጫ ቁልፎች, ፍለጋ
ሌሎች ፡ የድሮ ፡ መዝሙሮች
(Other Classic Mezmur Lyrics)

            YESUS (4x)
            Maal maqaa gaariin akkasii?
            Lubbu ni fayyisa foonisi
            Maqaan Isaa ni jedhama YESUS (2x)

Furiin warra boojia'amanii
Dhiphuu fi gidiraatti kan jirani
Da'oo fi iddoo boqonnaa isaanii
Ta'eera maqaan YESUS kuni

            YESUS (4x)
            Maal maqaa gaariin akkasii?
            Lubbu ni fayyisa foonisi
            Maqaan Isaa ni jedhama YESUS (2x)

Aduu gubee xaph godhu keessatti
Da'oodhaa fi gaaddisa namaa ti
Isa diinni itti bobba'eef
Maqaan YESUS masaraa ta'eef

            YESUS (4x)
            Maal maqaa gaariin akkasii?
            Lubbu ni fayyisa foonisi
            Maqaan Isaa ni jedhama YESUS (2x)

Biyya fagoo lafa baay'ee darbee
Iddoo itti ergame takkaadhaan ga'ee
Humna waaqummaa isaa ni mul'isa
Dhimma itti ergame fiixaan baasa

            YESUS (4x)
            Maal maqaa gaariin akkasii?
            Lubbu ni fayyisa foonisi
            Maqaan Isaa ni jedhama YESUS (2x)

Maqaa gaari dinqii ba'eessa
Kan waammatan hundaa ni fayyisa
Badii fi gidiraa guddaa keessaa
Mo'ichaan isaan ni dabarsa

            YESUS (4x)
            Maal maqaa gaariin akkasii?
            Lubbu ni fayyisa foonisi
            Maqaan Isaa ni jedhama YESUS (2x)

Dhaabata nama dadhabaa ti
Dhukubsataa fi gargaaraa isaa ti
Qorichi qoricha hundaa caalu
Kan akka Maqaa YESUS hin jiru

            YESUS (4x)
            Maal maqaa gaariin akkasii?
            Lubbu ni fayyisa foonisi
            Maqaan Isaa ni jedhama YESUS (2x)