Yesus Dhalateera Beeteliheemitti

From WikiMezmur, the free amharic mezmur lyrics database.
ዘልለው ለመሔድ፦ የማውጫ ቁልፎች, ፍለጋ
ሌሎች ፡ የድሮ ፡ መዝሙሮች
(Other Classic Mezmur Lyrics)

 YESUS dhalateera Beeteliheemitti
Biyya Yihudaatti ganda Daawititti
Kotaa ni ililchinaa harkas ni rukkunnaa
Ilmi WAAQAYYO Abba YESUS dhalateeraa

          YESUS Mootii Nagaa kan nama hin daganne
          Biyya lafaa dhuftee waan nu furteef
          Jilbaan jilbenfannee guddaa sii saganna
          Harka keenya rukunnee ililleedhaan si faarfanna

Teessoo WAAQAA dhiiftee biyya lafaa dhuftee
Jaalala Abbaa keetiis nu gidduutti raawwatte
Galata galata galata si galchina
Macci waaqaa fi lafaa irraa maqaa kee faarfanna

          YESUS Mootii Nagaa kan nama hin daganne
          Biyya lafaa dhuftee waan nu furteef
          Jilbaan jilbenfannee guddaa sii saganna
          Harka keenya rukunnee ililleedhaan si faarfanna

Diinnii keenya seexanni kooluu nu galfatee
Badii bara baraa fi gubiif nu keewwate
Babbannee kan turre abdii kan kutanne
YESUS luba nu baafte nu gidduutti dhalattee

          YESUS Mootii Nagaa kan nama hin daganne
          Biyya lafaa dhuftee waan nu furteef
          Jilbaan jilbenfannee guddaa sii saganna
          Harka keenya rukunnee ililleedhaan si faarfanna

Ulfinnii fi guddinni galanni siif ta'a
Mootee kan jiraattu Alfaa Omeegaa dha
Nus kunoo ijoolleen kee fayyinee burraaqna
Kan kanaan nu geesseef galata galata

          YESUS Mootii Nagaa kan nama hin daganne
          Biyya lafaa dhuftee waan nu furteef
          Jilbaan jilbenfannee guddaa sii saganna
          Harka keenya rukunnee ililleedhaan si faarfanna