Ya Lafaa Ya Lafaa Dhaga'i

From WikiMezmur, the free amharic mezmur lyrics database.
ዘልለው ለመሔድ፦ የማውጫ ቁልፎች, ፍለጋ
ሌሎች ፡ የድሮ ፡ መዝሙሮች
(Other Classic Mezmur Lyrics)

Ya lafaa, ya lafaa, dhaga'i
Dubbii WAAQAYYOO dhaga'i
Ya lafaa, ya lafaa, dhaga'i
Dubbii WAAQAYYOO dhaga'i

Ani jiraataa dha jedha
WAAQAYYOO uumaa inni duraa
Du'a cubbamaa ani hin fedhuu
Qalbii jijjiirradhu, jedha
WAAQAYYOO araara qabeessa
Ni yaadata uumama harka isaa
Qalbii jijjiirradhu jedhee
Wangeela keessatti ni ibssa

Ya lafaa, ya lafaa, dhaga'i
Dubbii WAAQAYYOO dhaga'i
Ya lafaa, ya lafaa, dhaga'i
Dubbii WAAQAYYOO dhaga'i

Dubbii WAAQAYYOO dhaga'uun
Du'aa gara jireenyaatti
Foonii fi lubbuun gargar ba'ee
Hamma adda-adda ta'utti
WAAQAYYOOtti kan jiraatu
Akka dubbii dhuga isaatti
Gaaf hundaa gammachuu qaba
As ta'u biyya haaraatti

Ya lafaa, ya lafaa, dhaga'i
Dubbii WAAQAYYOO dhaga'i
Ya lafaa, ya lafaa, dhaga'i
Dubbii WAAQAYYOO dhaga'i

Dubbiin afaan kootii ba'ee
Biyya-lafaa irra naana'u
Kan an jedhe otuu hin raawwatin
Gara kootti ol hin deebi'u
Jedhee WAAQAYYOO himeera
Karaa afaan raajota isaa
Raawwachuuf jira yaada isaa
Dhaga'i malee dubbii isaa

Ya lafaa, ya lafaa, dhaga'i
Dubbii WAAQAYYOO dhaga'i
Ya lafaa, ya lafaa, dhaga'i
Dubbii WAAQAYYOO dhaga'i

Gooftaan karaa dha, dhugaa dha
Inni hundumaaf jireenya
Adeemmii kee qajeelfadhu
Hundee jireenyaa yaadadhu
Uumaa kee maaf irraanfatta?
Baadiisaa maaliif hordofta?
Dubbii Gooftaa qalbeeffadhu
Jireenya haaraa argadhu