Waaqayyo Waan Guddaa Nuu Godhe

From WikiMezmur, the free amharic mezmur lyrics database.
ዘልለው ለመሔድ፦ የማውጫ ቁልፎች, ፍለጋ
ሌሎች ፡ የድሮ ፡ መዝሙሮች
(Other Classic Mezmur Lyrics)

     Waaqayyoo waan guddaa nuu godhe
     Warra gammachuus taane
     Maatii gammachuus taane
     Qee'ee gammachuus taane
     Galanni Waaqa keenyaaf
     Dachaa dachaan haa ta'u (2x)
     Ulfinni Waaqa keenyaaf
     Dachaa dachaan haa ta'u (3x)

Waaqayyo yommuu boojuu keenya deebise
Hunduu gammachuudhaan guutamne (2x)
Saba biyya lafaa keessatti
Waaqni isaanii jabaa dha kaa jedhame
Eeyee jabaa dha kaa jedhame

     Eeyee Waaqni keenya jabaa dha (4x)
     Ilaa (3x)
     Inni Waaqa keenya inni nuyi abdanne
     Nu gargaara jennee inni nuyi amananne
     Yaada diina keenyaa bittimsee inni gate
     Mataa diina keenyarras inni nuu dhaabate

           Waaqayyoo waan guddaa nuu godhe
           Warra gammachuus taane
           Maatii gammachuus taane
           Qee'ee gammachuus taane
           Galanni Waaqa keenyaaf
           Dachaa dachaan haa ta'u (2x)
           Ulfinni Waaqa keenyaaf
           Dachaa dachaan haa ta'u (3x)

Yeroo baayy'ee boonyee gaddinee
Waaqa keenyatti himannee
Maaloo ya Waaqa Israa'el nu jalaa hin didin jennee
Waaqni keenyas dhaga'ee humna abiddaan deebisee
Harka diinaa nu baasee jabaa ta'uu isaa mul'ise

     Eeyee Waaqni keenya jabaa dha (4x)
     Ilaa (3x)
     Inni Waaqa keenya kan eeggachaa turee
     Humna diina keenyaa caccabse agarre
     Humna keenya guutuun kottaa ni faarfannaa
     Nu fayyisuu isaattis gammannee ililchinaa

          Waaqayyoo waan guddaa nuu godhe
          Warra gammachuus taane
          Maatii gammachuus taane
          Qee'ee gammachuus taane
          Galanni Waaqa keenyaaf
          Dachaa dachaan haa ta'u (2x)
          Ulfinni Waaqa keenyaaf
          Dachaa dachaan haa ta'u (3x)

Homaa abdii dhabnee boonyee kan daddine
Waaqayyoos nu ilaallaan gammachuun guutamne
Iminnaaniin facaafnee ililleedhaan funaanne
Gammachuudhaan faarffanna ayyaana isaan guutamne

     Eeyee Waaqni keenya jabaa dha (4x)
     Ilaa (3x)
     Inni Waaqa keenya inni nuyi abdanne
     Nu gargaara jennee inni nuyi amananne
     Yaada diina keenyaa bittimsee inni gate
     Mataa diina keenyarras inni nuu dhaabate

          Waaqayyoo waan guddaa nuu godhe
          Warra gammachuus taane
          Maatii gammachuus taane
          Qee'ee gammachuus taane
          Galanni Waaqa keenyaaf
          Dachaa dachaan haa ta'u (2x)
          Ulfinni Waaqa keenyaaf
          Dachaa dachaan haa ta'u (3x)

Imimmaaniin kan facaasu gammachudhaan ni haammata
Waaqa dhugaa kan amanatu abdii guddaadhaan jiraata
Imimmaaaniin kan facaafne bissiin kaasuu nu guuteera
Guyyaa gaddaa dabarsinee warra gammachuus taanerraa

     Eeyee Waaqni keenya jabaa dha (4x)
     Ilaa (3x)
     Inni Waaqa keenya kan eeggachaa turree
     Humna diina keenyaa caccabse agarre
     Humna keenya guutuun kottaa ni faarfannaa
     Nu fayyisuu isaattis gammannee ililchinaa

          Waaqayyoo waan guddaa nuu godhe
          Warra gammachuus taane
          Maatii gammachuus taane
          Qee'ee gammachuus taane
          Galanni Waaqa keenyaaf
          Dachaa dachaan haa ta'u (2x)
          Ulfinni Waaqa keenyaaf
          Dachaa dachaan haa ta'u (3x)