Waan Baay'ee Naa Goote Ati Woo Yaa Yesus Koo

From WikiMezmur, the free amharic mezmur lyrics database.
ዘልለው ለመሔድ፦ የማውጫ ቁልፎች, ፍለጋ
ሌሎች ፡ የድሮ ፡ መዝሙሮች
(Other Classic Mezmur Lyrics)

Waan baay'e naa goote ati woo yaa YESUS koo
Maal sii deebsuu ree? Maaloo yaa Gooftaa koo?
Furii koo YESUS koo ati woo na jaallatte
Ulfadhu Mootii koo waan baay'ee naa goote

Narratti ka'u illee irreen diina koo ti
Muree baballeessuuf iddoo dhaabbii koo ti
Hojii diina koo ti harkatti busheessite
Har'aan na geesseetta hundaa dabarsite

Waan baay'e naa goote ati woo yaa YESUS koo
Maal sii deebsuu ree? Maaloo yaa Gooftaa koo?
Furii koo YESUS koo ati woo na jaallatte
Ulfadhu Mootii koo waan baay'ee naa goote

Waan ani hin yaadini, waan ani hin beekiin
Naa gootee raawwatte nan arge ijaanii
Biqilaan lafa irraa uumamni hundinu
Si haa galateeffatu hojii kee hundaafu

Waan baay'e naa goote ati woo yaa YESUS koo
Maal sii deebsuu ree? Maaloo yaa Gooftaa koo?
Furii koo YESUS koo ati woo na jaallatte
Ulfadhu Mootii koo waan baay'ee naa goote

Maaloo yaa Gooftaa koo ulfaataa Abba koo
Galatan si galcha cubbamaa afaan koon
Sitti haa urgaa'uu galanni koo kun
Teessoo kee ha naana'u hooqubaan koo kun

Waan baay'e naa goote ati woo yaa YESUS koo
Maal sii deebsuu ree? Maaloo yaa Gooftaa koo?
Furii koo YESUS koo ati woo na jaallatte
Ulfadhu Mootii koo waan baay'ee naa goote

Sin galateeffadha anoo yaa YESUS koo
Maqaa keen faarfadha maaloo ya furii koo
Maluman sii godhaa waa'ee hojii keef
Galaataan sii galchaa ulfina maqaa keef

Waan baay'e naa goote ati woo yaa YESUS koo
Maal sii deebsuu ree? Maaloo yaa Gooftaa koo?
Furii koo YESUS koo ati woo na jaallatte
Ulfadhu Mootii koo waan baay'ee naa goote

Anaa abdii dhabe, abdii koo naa taate
Anaa hirkoo dhabe, hirkoo koo naa taate
Kanaaf ya Gooftaa koo, sin galateeffadha
YESUS Gooftaa koo dha jedheen si faarfadha