Uggum Safuu Surraan Kee Dinqii Dha

From WikiMezmur, the free amharic mezmur lyrics database.
ዘልለው ለመሔድ፦ የማውጫ ቁልፎች, ፍለጋ
ሌሎች ፡ የድሮ ፡ መዝሙሮች
(Other Classic Mezmur Lyrics)

          Uggum safuu surraan kee dinqii dha (2x)
          Ifa ati keessa jirtu maaltu arguu danda'a?
          Rifeensi kee akka cabbii calaqqisa
          Fulli kees akka Biiftuu Saafaa ifa
          Yesus Mootii waaqaa fi lafaa (2x)

Andaarri wayyaa kee surraadhaan kan guute
Hidhata warqeedhaan qoma kee hidhatte
Ulfina guddadhaan teessoo kee irra jirta
Uumamni hundinuu sumaaf jilbeenfata

          Uggum safuu surraan kee dinqii dha (2x)
          Ifa ati keessa jirtu maaltu arguu danda'a?
          Rifeensi kee akka cabbii calaqqisa
          Fulli kees akka Biiftuu Saafaa ifa
          Yesus Mootii waaqaa fi lafaa (2x)

Sagaleen kee inni hursaa akka bishaan baay'ee
Barbadaa ibiddaa fakkaata iji kee
Uggum safuu Gooftaa sin maaltu qixxaata?
Ulfina kee duras eenyutu dhaabata?

          Uggum safuu surraan kee dinqii dha (2x)
          Ifa ati keessa jirtu maaltu arguu danda'a?
          Rifeensi kee akka cabbii calaqqisa
          Fulli kees akka Biiftuu Saafaa ifa
          Yesus Mootii waaqaa fi lafaa (2x)

Ati Leenca Yihudaa hidda Daawwit keessaa
Du'a mootee kaatee mirga Abba kee teessaa
Uggum safuu Gooftaa si dinqisifanna
Qulqulluu, qulqulluu jenne sif sagadna

          Uggum safuu surraan kee dinqii dha (2x)
          Ifa ati keessa jirtu maaltu arguu danda'a?
          Rifeensi kee akka cabbii calaqqisa
          Fulli kees akka Biiftuu Saafaa ifa
          Yesus Mootii waaqaa fi lafaa (2x)

Angoon isaa guddaa dha ayyaana qabeessa
Inni nu fo'ate gosa hundumaa keessaa
Kottaa ni sagadnaaf maqaa isaa farfannaa
Hooqubaa fi guddinni isa duwwaaf ta'a

          Uggum safuu surraan kee dinqii dha (2x)
          Ifa ati keessa jirtu maaltu arguu danda'a?
          Rifeensi kee akka cabbii calaqqisa
          Fulli kees akka Biiftuu Saafaa ifa
          Yesus Mootii waaqaa fi lafaa (2x)