Uggum Anaan Na Dhiba

From WikiMezmur, the free amharic mezmur lyrics database.
ዘልለው ለመሔድ፦ የማውጫ ቁልፎች, ፍለጋ
ሌሎች ፡ የድሮ ፡ መዝሙሮች
(Other Classic Mezmur Lyrics)

          Uggum anaan na dhiba baayi'nni araara kee
          Dhuma kan hinqabne, Gooftaa jaalalli kee
          Dadhabdeetta jette nan hin tuffattu
          Yookiis jabaatteetta, of danda'i hin jettu
          Kaleessa har'as yeroo hundumaa
          Hin geeddaramtu ati sanumaa
          Hin geeddaramtu ati sanumaa.

Anaaf jettee madooftee, fannoo irratti ol baatee;
Akka nama yakkee, murti du'aa argattee
Lubbuu koo fayyisuuf lubbuu kee kan laattee
Galata ke duwwaa jechuun hin xinaate.

          Uggum anaan na dhiba baayi'nni araara kee
          Dhuma kan hinqabne, Gooftaa jaalalli kee
          Dadhabdeetta jette nan hin tuffattu
          Yookiis jabaatteetta, of danda'i hin jettu
          Kaleessa har'as yeroo hundumaa
          Hin geeddaramtu ati sanumaa
          Hin geeddaramtu ati sanumaa.

Yoon sirraa baqadhe, ofitti na hawwaatta;
Dhaga'uu yoon dides dabaltee na waamta;
Dhimma kee ti jettee gonkumaa na hin dhiiftuu;
Dhiigaa keen na bittee, badiisatti na hin laattu.

          Uggum anaan na dhiba baayi'nni araara kee
          Dhuma kan hinqabne, Gooftaa jaalalli kee
          Dadhabdeetta jette nan hin tuffattu
          Yookiis jabaatteetta, of danda'i hin jettu
          Kaleessa har'as yeroo hundumaa
          Hin geeddaramtu ati sanumaa
          Hin geeddaramtu ati sanumaa.

An hojii harka kee ti, situ ana uummatee;
Eenyummaa koo beekta keessa koo hubattee;
Jabaadhus dadhabus gonkumaa ana hin dhiifnee;
Galatan sii galchaa ulfina sii kennee.

          Uggum anaan na dhiba baayi'nni araara kee
          Dhuma kan hinqabne, Gooftaa jaalalli kee
          Dadhabdeetta jette nan hin tuffattu
          Yookiis jabaatteetta, of danda'i hin jettu
          Kaleessa har'as yeroo hundumaa
          Hin geeddaramtu ati sanumaa
          Hin geeddaramtu ati sanumaa.

Jabaa ofitti qabdee, dadhabaa hin ifattu;
Sooressaa fi hiyyeessa, garaa gara hin baaftu;
Jaalalli kee YESUS hin gegeeddaramu;
Baruma baraanis ni dhaabata hin dhumu.