Siifan Sagada

From WikiMezmur, the free amharic mezmur lyrics database.
ዘልለው ለመሔድ፦ የማውጫ ቁልፎች, ፍለጋ
ሌሎች ፡ የድሮ ፡ መዝሙሮች
(Other Classic Mezmur Lyrics)

         Siifan sagada sin waaqeffadha
         Ulfina sii laadha
         Ya Waaqayyo Gooftaa ati hundaa caalta
         Ya Waaqayyo Gooftaa bara-baraan moota

Ayyaani kan kee ya Waaq ulfinni kee
Biyya hundaa jira sodaatamuun kee
Uumamni hundinuu Waaqummaa kee beeku
Macci waaaa fi lafaa uggum siif sagadu

         Siifan sagada sin waaqeffadha
         Ulfina sii laadha
         Ya Waaqayyo Gooftaa ati hundaa caalta
         Ya Waaqayyo Gooftaa bara-baraan moota

Foon qabeessi hundinuu fuula kee duratti
Akka gaanii keessaa coba bishaanii ti
Hafuura kee laattee kan ati jiraachifte
Sumaaf abboomama Gooftummaa kee hubatee

         Siifan sagada sin waaqeffadha
         Ulfina sii laadha
         Ya Waaqayyo Gooftaa ati hundaa caalta
         Ya Waaqayyo Gooftaa bara-baraan moota

Namni guddan eenyu, si irra kan guddatu?
Si irra ani beeka jedhee caalmaa kan himatu?
Inni kaan dhoksaatti, kaanis mul'inatti
Hunduu ni safeeffata, guddina aangoo kee ti