Si Arguuf Yaa Yesus

From WikiMezmur, the free amharic mezmur lyrics database.
ዘልለው ለመሔድ፦ የማውጫ ቁልፎች, ፍለጋ
ሌሎች ፡ የድሮ ፡ መዝሙሮች
(Other Classic Mezmur Lyrics)

Dhiiga kee naaf dhangalaaftee
Ana cubbamtuuf yakkamte
Dhiphina hundaas obsitee
Iddoo yeelloo anaaf dhaabatte
Gochaan kee guddaa dha Gooftaa ko
Humna kee naa kenni jajjabeessaa ko

          Si arguuf, si arguuf, si arguuf
          Si arguuf yaa Yesus
          Baaayy'een ariifadha
          Hamma dhufa keetti
          Humna kee naa kenni
          Obsan qabaadhaa

Gooftaa koo naaf du'uu kee
Dagadheen oole gochaa kee
Gaara Golgootaa gubbaatti
Kan ati naaf taaten yaadadhe
Garaan koo na dide, si hin dhiisu
Humna kee naa kenni akka ani dhaabadhuuf

          Si arguuf, si arguuf, si arguuf
          Si arguuf yaa Yesus
          Baaayy'een ariifadha
          Hamma dhufa keetti
          Humna kee naa kenni
          Obsan qabaadhaa

Gonfoo qoraattii naaf baattee
Afaan ga'iftuu obsitee
Jaalalaa fi nagaa uffattee
Ergaa isa dhufteef raawwatte
Gochaan kee baay'ee dha yaa Yesus
Humna kee naa kenni akka ani jabaadhuuf.

          Si arguuf, si arguuf, si arguuf
          Si arguuf yaa Yesus
          Baaayy'een ariifadha
          Hamma dhufa keetti
          Humna kee naa kenni
          Obsan qabaadhaa