Qilleensi Hin Jiru

From WikiMezmur, the free amharic mezmur lyrics database.
ዘልለው ለመሔድ፦ የማውጫ ቁልፎች, ፍለጋ
ሌሎች ፡ የድሮ ፡ መዝሙሮች
(Other Classic Mezmur Lyrics)

 Qilleensi hin jiru muka kan raasu
 Duumessi hin argamu kan abdannee teenyu
 Waaqayyo garuu dubbateera
 Lagni inni goge kun bishaan guutuuf jira
 Kan dheebote hunduus dhugee dheebuu ba'a.

          Eeyee (2x) kun Waaqayyootiif ulfaataa miti
          Rawwachuuf jira akka abdii isaatti
          Eeyee (2x) kun Waaqayyootiif ulfaataa miti
          Rawwachuuf jira akka abdii isaatti

Izqiel yommuu arge lafee goggoganii
Foon kan itti hin jirre lafa tuulamanii
Foon itti uwwiftee lubbuu kennuufini
Siif ni danda'ama jedhe Waaqayyooni

          Eeyee (2x) kun Waaqayyootiif ulfaataa miti
          Rawwachuuf jira akka abdii isaatti
          Eeyee (2x) kun Waaqayyootiif ulfaataa miti
          Rawwachuuf jira akka abdii isaatti

Waaqayyo nuu roobsa bokkaa ayyaana isaa
Baalli inni goggoges ni marga ni lalisa
Qoonqoon beela'e hunduus soora argachuuf jira
Waaqayyo amanamaan abdii nuu kenneera

          Eeyee (2x) kun Waaqayyootiif ulfaataa miti
          Rawwachuuf jira akka abdii isaatti
          Eeyee (2x) kun Waaqayyootiif ulfaataa miti
          Rawwachuuf jira akka abdii isaatti

Naannoo koo ilaalee homaa abdii yon dhabe
Ifa kan hin qabne hunduu dukkanaa'ee
Waqayyoon eeggadhee ani abdii hin kutadhu
Hundaa isa raawwatu yeroon isaa yommuu ga'u