Misiraachoo Ni Gammanna Ni Faarfanna

From WikiMezmur, the free amharic mezmur lyrics database.
ዘልለው ለመሔድ፦ የማውጫ ቁልፎች, ፍለጋ
ሌሎች ፡ የድሮ ፡ መዝሙሮች
(Other Classic Mezmur Lyrics)

Misiraachoo ni gammanna ni faarfanna
YESUS nuu dhalatee kottaa ni ililchinaa

Galanni WAAQAYYOOf waaqa irratti
Namootaaf jaalalli lafa irraatti
Fayyisaan dhalate Beeteliheemitti
Kottaa ni ililchinaa guyyaa gammachuutii

Misiraachoo ni gammanna ni faarfanna
YESUS nuu dhalatee kottaa ni ililchinaa

Weedduu haaraadhaanis wal duukaa ni faarfanna
Fayyisaa arganneerra ni galateeffanna
Badiisa nu oolchuuf YESUS dhalateera
Dukkanichi badee ifni nuu ba'eera

Misiraachoo ni gammanna ni faarfanna
YESUS nuu dhalatee kottaa ni ililchinaa

WAAQAYYO Gooftaa dha innis nu eebbisa
Dhiphinaa nu baasee cubbuu keenya ni dhiisaa
Galataa fi gammachuun isaaf ni saganna
Dadhabbii keenyattis jabina nuu kennaa

Misiraachoo ni gammanna ni faarfanna
YESUS nuu dhalatee kottaa ni ililchinaa

Gooftaa YESUSiif lubbuu keenya laanne
Biyya lafaa kana ilaaluu itti dhiifnee
Fuulduratti ni deemna mirga Abbaa taa'uuf
Homtuu illee hin danda'u booddeetti nu hambisuuf

Misiraachoo ni gammanna ni faarfanna
YESUS nuu dhalatee kottaa ni ililchinaa