Maaraanaata

From WikiMezmur, the free amharic mezmur lyrics database.
ዘልለው ለመሔድ፦ የማውጫ ቁልፎች, ፍለጋ
ሌሎች ፡ የድሮ ፡ መዝሙሮች
(Other Classic Mezmur Lyrics)

Maaraanaata (2x)
Ameen Gooftaa YESUS yoom dhufta?
Ameen yoom dhufta?
Maaloo yoom dhufta?
Hawwiin koo oomuma raawwataa?
Ameen yoom dhufta? Ishoo yoom dhufta?
Ija kees yooman arga laata?

Dhiphinni lafa irraa YESUS na gidirseera
Dhaabachuu dadhabee ani woo gatantareera
Iji koo gara kee ilaalaa si eggata
Mootii nagaa fi ulfinaa yoomuma dhufta?

Maaraanaata (2x)
Ameen Gooftaa YESUS yoom dhufta?
Ameen yoom dhufta?
Maaloo yoom dhufta?
Hawwiin koo oomuma raawwataa?
Ameen yoom dhufta? Ishoo yoom dhufta?
Ija kees yooman arga laata?

Ergamoota waaqa irraan marfamtee
Ulfina kee guddaa sana uffattee
Yoom laata qilleensa irratti butamuun koo?
Qulqullootaa wajjiin guyyaan faarfannan koo?

Maaraanaata (2x)
Ameen Gooftaa YESUS yoom dhufta?
Ameen yoom dhufta?
Maaloo yoom dhufta?
Hawwiin koo oomuma raawwataa?
Ameen yoom dhufta? Ishoo yoom dhufta?
Ija kees yooman arga laata?

Turuu keetti Goooftaa abdii kutadheera
Obsuu dadhabeetaan si eggataa jira
Yoomuma guyyaan ati naaf deebituu?
Utuu iji koo ilaaluu diinni koo gubatu?

Maaraanaata (2x)
Ameen Gooftaa YESUS yoom dhufta?
Ameen yoom dhufta?
Maaloo yoom dhufta?
Hawwiin koo oomuma raawwataa?
Ameen yoom dhufta? Ishoo yoom dhufta?
Ija kees yooman arga laata?

Guyyaa lafti akka wayyaatti dachaatu
Gaaroonni fula duraa ni socho' u
Guyyaan dhufa kee sun Gooftaa yoom ga'a?
Maalo dafii kottu as taa'uun na ga'a

Maaraanaata (2x)
Ameen Gooftaa YESUS yoom dhufta?
Ameen yoom dhufta?
Maaloo yoom dhufta?
Hawwiin koo oomuma raawwataa?
Ameen yoom dhufta? Ishoo yoom dhufta?
Ija kees yooman arga laata?

Xiyoon biyya koo isa waaqa irraa yaadeeraa
Achitti galee boqochuu barbaadeeraa
Yaaduu fi yaadda'uun kan keessa hin jirre
Yeroo hundaa maqaa kee faarfachuu malee.

Maaraanaata (2x)
Ameen Gooftaa YESUS yoom dhufta?
Ameen yoom dhufta?
Maaloo yoom dhufta?
Hawwiin koo oomuma raawwataa?
Ameen yoom dhufta? Ishoo yoom dhufta?
Ija kees yooman arga laata?