Maal Maal Gaarii Dha Yaa Yesus

From WikiMezmur, the free amharic mezmur lyrics database.
ዘልለው ለመሔድ፦ የማውጫ ቁልፎች, ፍለጋ
Broom.png ይህ ፡ ጽሑፍ ፡ ገና ፡ አልተረጋገጠም ። እርማቶች ፡ ሊያስፈልጉት ፡ ይችላል ። ከቻሉ ፡ እርስዎ ፡ ያሻሽሉት
ሌሎች ፡ የድሮ ፡ መዝሙሮች
(Other Classic Mezmur Lyrics)

<poem>
Maal Maal gaariidhaa yaa YESUS?
Mana kee keessaa jiraachuun?
Dhiphuf gidiraa mo'uudhaaf
Obsa si biraa argachuun
Maal maal gaariidhaa yaa YESUS?
Mana kee keessaa jiraachuun?
Da'oo Abbaatti jiraachuun
Gufuunis namaa hinargatuu
Duurii duriitii kan turtee
Kan jirttus kan jiiraattuu dhaa
Eenyus si dhiibuu hin danda'uu
Humna guddaa kan qabduudhaa
Beekumsi kee naama dhibaa
Na irras ni darbaa hin qaqqabaa
Waaqaaf lafa diiriirsitee
Hojiin harka kee na dhibaa(2x)
Maal Maal gaariidhaa yaa YESUS?
Mana kee keessaa jiraachuun?
Dhiphuf gidiraa mo'uudhaaf
Obsa si biraa argachuun
Maal maal gaariidhaa yaa YESUS?
Mana kee keessaa jiraachuun?
Da'oo Abbaatti jiraachuun
Gufuunis namaa hinargatuu
Yommuun dheebodhee wowwaadhee
Bakkee gogaa irras naanna'ee
An yooman argee isa kan kee
Gammachuun guutee lola'ee
Nagaaf jaalalaan kan guuttee
Araarri kees daarii in qabuu
Hubatee namaa ilaaleef
Hundumaaf hirkoo kan qabuu(2x)
Maal Maal gaariidhaa yaa YESUS?
Mana kee keessaa jiraachuun?
Dhiphuf gidiraa mo'uudhaaf
Obsa si biraa argachuun
Maal maal gaariidhaa yaa YESUS?
Mana kee keessaa jiraachuun?
Da'oo Abbaatti jiraachuun
Gufuunis namaa hinargatuu
Gochaan kee daarii hin qabuu
lakka'ee hin fixuu fagoodhaa
Otuun odeessee hin dhumuu
Baayi'isee baayi'ee baay'ee dhaa
Cal jedheen taa'ee ilaala
Yommuun waanan jeedhu dhabuu
WAAQA hundumaa dandeessuu
Maqaan kee ol ol haa jedhuu (2x)
Maal Maal gaariidhaa yaa YESUS?
Mana kee keessaa jiraachuun?
Dhiphuf gidiraa mo'uudhaaf
Obsa si biraa argachuun
Maal maal gaariidhaa yaa YESUS?
Mana kee keessaa jiraachuun?
Da'oo Abbaatti jiraachuun
Gufuunis namaa hinargatuu
Duraaf duubaan na marsitee
Kellaa ibiddaa nati ijaartee
Harkaa kee ana irra keessee
Harka diinaa na oolchitee
Odeessee hin fixuu gochaa kee
Odeessee hin fixuu gochaa kee
Ulfaadhu waaqaaf lafa irrat
Haa eebbifamuu maqaan kee (2x)
Maal Maal gaariidhaa yaa YESUS?
Mana kee keessaa jiraachuun?
Dhiphuf gidiraa mo'uudhaaf
Obsa si biraa argachuun
Maal maal gaariidhaa yaa YESUS?
Mana kee keessaa jiraachuun?
Da'oo Abbaatti jiraachuun
Gufuunis namaa hinargatuu