Lubbuu Koo Waaqayyoon Eebbisi

From WikiMezmur, the free amharic mezmur lyrics database.
ዘልለው ለመሔድ፦ የማውጫ ቁልፎች, ፍለጋ
Broom.png ይህ ፡ ጽሑፍ ፡ ገና ፡ አልተረጋገጠም ። እርማቶች ፡ ሊያስፈልጉት ፡ ይችላል ። ከቻሉ ፡ እርስዎ ፡ ያሻሽሉት
ሌሎች ፡ የድሮ ፡ መዝሙሮች
(Other Classic Mezmur Lyrics)

Lubbuu koo Waaqayyoon eebbisii
Fayyisaa kee galateeffadhu
Gaarummaa isaa hundaa odeessii
Hin irraanfatinii yaadadhuu
          Waaqayyon eebbisii
          Lubbuu koo Waaqayyoon eebbisii
          Tola isaas mul'isii
          Arjummaa isaas hundaa beeksisii
Cubbuu kee hundumaa sii dhiisee
Dhukkuba keettis si fayyisee
Jireenya kee bades deebisee
Ayyaanaaf araaraan si marsee
          Waaqayyon eebbisii
          Lubbuu koo Waaqayyoon eebbisii
          Tola isaas mul'isii
          Arjummaa isaas hundaa beeksisii
Garaa kee gammachuudhaan guutee
Namummaa kee hundaas haaressee
Karaa qajeelaa sii geggeessee
Dhekamsa isaas si irraa fageessee
          Waaqayyon eebbisii
          Lubbuu koo Waaqayyoon eebbisii
          Tola isaas mul'isii
          Arjummaa isaas hundaa beeksisii
Akka cubbuu keenyaa nu hin goonee
Yakka keenyas nutti hin lakkoofnee
Tokkichaa ilma isaa nuuf kennee
Isaan jaalala isaa hubannee
          Waaqayyon eebbisii
          Lubbuu koo Waaqayyoon eebbisii
          Tola isaas mul'isii
          Arjummaa isaas hundaa beeksisii