Kunoo Dhufneerra

From WikiMezmur, the free amharic mezmur lyrics database.
ዘልለው ለመሔድ፦ የማውጫ ቁልፎች, ፍለጋ
ሌሎች ፡ የድሮ ፡ መዝሙሮች
(Other Classic Mezmur Lyrics)

Kunoo dhufneerra
Maqaa keetiin walitti qabamneerra
Nu eebbisi kaa
Nu barsiisi kaa
Maqaa YESUSiin si kadhannaa

Eebba kee nu irratti lolaasi
Araara kee ati nuuf baayy'isi
Surraan kee iddoo kana haa guutu
Ameen maqaan kee haa ulfaatu

Kunoo dhufneerra
Maqaa keetiin walitti qabamneerra
Nu eebbisi kaa
Nu barsiisi kaa
Maqaa YESUSiin si kadhannaa

Xinnaa fi guddaa taanee dhufneerra
Nu mil'adhu ya WAAQ adaraa
Humna kee nu giodduutti mul'issi
Lubbuu hin fayyin ati fayyisi

Kunoo dhufneerra
Maqaa keetiin walitti qabamneerra
Nu eebbisi kaa
Nu barsiisi kaa
Maqaa YESUSiin si kadhannaa

Dadhbbii foonii nurraa fuudhi
Hafuura keetiin nu damaqsi
Galata ga'u sii galchinaa
Jabaannee diina qaanesinaa

Kunoo dhufneerra
Maqaa keetiin walitti qabamneerra
Nu eebbisi kaa
Nu barsiisi kaa
Maqaa YESUSiin si kadhannaa

Isa nu barsiisu ati barsiisi
Dubbii fayyinaa nutti mul'isi
Isa faarfatus ati eebbisii
Kennaa Hafuuraa nutti roobsi

Kunoo dhufneerra
Maqaa keetiin walitti qabamneerra
Nu eebbisi kaa
Nu barsiisi kaa
Maqaa YESUSiin si kadhannaa

Yeroon kun dhuunfaa kee haa ta'u
Iddoon kun teessoo kee haa ta'u
Hafuuri kee nurratti haa bu'u
Guyyaa fayyinaas nuuf haa ta'u

Kunoo dhufneerra
Maqaa keetiin walitti qabamneerra
Nu eebbisi kaa
Nu barsiisi kaa
Maqaa YESUSiin si kadhannaa