Kottu Yaa Yesus Gara Ko

From WikiMezmur, the free amharic mezmur lyrics database.
ዘልለው ለመሔድ፦ የማውጫ ቁልፎች, ፍለጋ
Broom.png ይህ ፡ ጽሑፍ ፡ ገና ፡ አልተረጋገጠም ። እርማቶች ፡ ሊያስፈልጉት ፡ ይችላል ። ከቻሉ ፡ እርስዎ ፡ ያሻሽሉት
ሌሎች ፡ የድሮ ፡ መዝሙሮች
(Other Classic Mezmur Lyrics)

Kottuu, kottu yaa YESUS gara koo kottu
Kottu yaa YESUS gara koo
Cubbuu koo hunda anaaf dhiisi Gooftaa koo
Hafuura keetiin haaressii namummaa koo
Laaqin cubbuu na liqimsee jiraa
Qoraattiin latee na hudhuu ga' eera
Kana ooluudhaaf homtinuu na hin gargaaru
Humna keen malee tokko illee hin oofkalu
Kottuu, kottu yaa YESUS gara koo kottu
Kottu yaa YESUS gara koo
Cubbuu koo hunda anaaf dhiisi Gooftaa koo
Hafuura keetiin haaressii namummaa koo
Waa' ee cubbuu koof iyya koo dhaggeeffadhu
Ana bira hin darbin al-tokkoo ana mil' adhu
Uumama harka kee ta' uu koo ana yaadadhu
Akka arjummaa keet badiisaa ana oolfadhuu
Kottu, kottu yaa YESUS gara koo kottu
Kottu yaa YESUS gara koo
Cubbuu koo hunda anaaf dhiisi Gooftaa koo
Hafuura keetiin haaressii namummaa koo
Humna keen argee akka ati jaalala qabduu
Duuka buutoon kee akkas dhugaa siifba'uu
Anis nan fedha ayyaana kana argachuu
Ana bira hin darbin araaraan ana mil'adhu
Kottu, kottu yaa YESUS gara koo kottu
Kottu yaa YESUS gara koo
Cubbuu koo hunda anaaf dhiisi Gooftaa koo
Hafuura keetiin haaressii namummaa ko
Halkaniif guyyaa dadhabee namummaan koo
Anat mul'ate baay'isee cubbamuun koo
Ba'aa koo kanaa siyi duwwaatu ana irraa kaasaa
Akka dubbii keet anis suman abdadhaa
Kottu, kottu yaa YESUS gara koo kottu
Kottu yaa YESUS gara koo
Cubbuu koo hunda anaaf dhiisi Gooftaa koo
Hafuura keetiin haaressii namummaa koo