Kanan Yaadeen Oli

From WikiMezmur, the free amharic mezmur lyrics database.
ዘልለው ለመሔድ፦ የማውጫ ቁልፎች, ፍለጋ
ሌሎች ፡ የድሮ ፡ መዝሙሮች
(Other Classic Mezmur Lyrics)

          Kanan yaadeen oli YESUStu naaf godhe,
          Anaaf YESUStu naaf godhe
          Mana mootii keessatti barcuma naa kenne

Diina koo seexanaa maal naa maltee turte
Hojii kee fi gochaa kee YESUStu mo'ate
Mataa diina koo irra anaan na dhaabeera
Mana mootii keessatti barcuma argadheera

          Kanan yaadeen oli YESUStu naaf godhe,
          Anaaf YESUStu naaf godhe
          Mana mootii keessatti barcuma naa kenne

Akka yaada diinaa har'a hin geenyu turee
YESUS Gooftaa keenya isatu nu fure
Ati yaa seexanaa lamuu nu hin argattu
Dhiigaan bitamnerra abdii kee kutadhu

          Kanan yaadeen oli YESUStu naaf godhe,
          Anaaf YESUStu naaf godhe
          Mana mootii keessatti barcuma naa kenne

Dinqii Gooftaa kooti maal dubadheen maal dhiisa?
Hojii isaa fi gochaan isaa ana irratti baay'ee dha
Mana isaa keessatti kunoo na dhaabeera
Humna Gooftaa kootiin ulfina argadheera

          Kanan yaadeen oli YESUStu naaf godhe,
          Anaaf YESUStu naaf godhe
          Mana mootii keessatti barcuma naa kenne