Kan Akka Yesus Jiraa Ree

From WikiMezmur, the free amharic mezmur lyrics database.
ዘልለው ለመሔድ፦ የማውጫ ቁልፎች, ፍለጋ
ሌሎች ፡ የድሮ ፡ መዝሙሮች
(Other Classic Mezmur Lyrics)

Kan akka YESUS jira ree?
Dhiga isaa lolaasee
Lubbuu hundaa furuuf jedhee
Du'aaf kan aarfame

YESUS malee eenyu ree?
Hoolaan mudaa hin qabne
Golgootaattis kan qalame
Hundaaf kan aarfame

Kan akka isaa hin argamu
Gonkumaa eessattuu
Bara-baraan iyyuu hin jiru
Akkas kan of kennu

Inni nuyif jedhee yakkame
Muddamee dhiphate
Ba'aa cubbuu keenyaas baate
Fannootti ol baafame

Achi irraattis waraaname
Loolaasee dhiiga isaa
Nuyif raawwate jaalala isaa
Kenne kaa lubbuu isaa