Ka'i Ka'i Yaa Irree Waaqayyoo

From WikiMezmur, the free amharic mezmur lyrics database.
ዘልለው ለመሔድ፦ የማውጫ ቁልፎች, ፍለጋ
ሌሎች ፡ የድሮ ፡ መዝሙሮች
(Other Classic Mezmur Lyrics)

Ka'ii Ka'ii yaa irree WAAQAYYOO mul'adhu
Hoolota gufatan badiisaa baafadhu
Ka'i Ka'i yaa irree WAAQAYYOO mul'adhu
Amantoota gufatan badiisaa baafadhu

WAAQA abboota keenyaa,
Durii durii turtee kan jirtu, ka'ii falmmadhu
Galaanicha abboomtee
Lafa gogaa gubbaa ceesifte ka'ii mul'adhu
Hinbeelofnne jennaan
Mannaa Waaqa irraa kan roobisite, ka'ii falmmadhu
Hindheebonne jennaan
Bishaan dhagaa keessaa kan baaftee ka'ii mul' adhu

Ka'ii Ka'ii yaa irree WAAQAYYOO mul'adhu
Hoolota gufatan badiisaa baafadhu
Ka'i Ka'i yaa irree WAAQAYYOO mul'adhu
Amantoota gufatan badiisaa baafadhu

Miisaak, Saadiraakiin, Abdiineegoo
Abiddaa kan baaftte, Ka'ii falmmadhu
Dani' eel ilma kee,
Afaan leencaa keessaa kan baaftee, Ka'ii mul' adhu
Eliyaas si waamnaan
Abidda Waaqa irraa kan buuftte, Ka' ii falmadhu
Izqiyaas si waamnaan
Humna WAQUMMAA Keen oolchite, Ka'ii mul' adhu

Ka'ii Ka'ii yaa irree WAAQAYYOO mul'adhu
Hoolota gufatan badiisaa baafadhu
Ka'i Ka'i yaa irree WAAQAYYOO mul'adhu
Amantoota gufatan badiisaa baafadhu

Mo' aabiin rukuttee rukuttee
Mataa jawwichaa dhaa kan tumte, Ka' ii falmadhu
Dinqii kee kangoote
Harreen iyyuu Bel' aamiin dubbattee, Ka'ii mul' adhu
Phaawulosiin dubbattee
Saamsooniif humna kee kan laatte, Ka' ii falmadhu
Okkolaa adeemsifttee
Al' aazaariin du' aa kan kaaftte, Ka'ii mul' adhu

Ka'ii Ka'ii yaa irree WAAQAYYOO mul'adhu
Hoolota gufatan badiisaa baafadhu
Ka'i Ka'i yaa irree WAAQAYYOO mul'adhu
Amantoota gufatan badiisaa baafadhu

Waaqa abboota keenyaa
Kan Abrahaam, Kan Yisihaaq, Kan Yaa' iqoob
Ka' ii falmmadhu
Si waamna si waamnaa mil'adhu, Ka' ii mul' adhu
Qorumsi marsitee
Maatii kee dhiphisuu hawwite, Ka' ii falmadhu
Tola keenyaaf miti
Maqaa kee tiif jettee nu maari, Ka' ii mul' adhu

Ka'ii Ka'ii yaa irree WAAQAYYOO mul'adhu
Hoolota gufatan badiisaa baafadhu
Ka'i Ka'i yaa irree WAAQAYYOO mul'adhu
Amantoota gufatan badiisaa baafadhu