Jooreen Ture

From WikiMezmur, the free amharic mezmur lyrics database.
ዘልለው ለመሔድ፦ የማውጫ ቁልፎች, ፍለጋ
ሌሎች ፡ የድሮ ፡ መዝሙሮች
(Other Classic Mezmur Lyrics)

Jooreen ture bara baay'ee
Jireenyi koo bayyee dadhabee
Foon koo na gowwomseen qorame
Gooftaa YESUS situ na dhaabe

Yooman beeke homaa ta'uu koo
Badiisa booddee hordofuu koo
Situ na waamee gaariin na gonfe
Jireenya koo nagaan jiraadhe

Akka nama yakka hojjetee
Fannifamtee dhiphina baattee
Ana gadadamtuuf darbitee
Qaraaniyoo fannootti of laatte

Egaa amma badiisaa ba'eera
Jaalala kees baree dhufeera
Gooftaa YESUS lubbuu koo adaraa
Jireenya koos sitti kenneera

Miilla koo badiisa irra eegi
Ija koos hamaa ilaaluuttii
Qalbii koos seera keetiin quubsi
Adeemmii koos gaariidhaaf godhi