Jajjabeessaa Saba Koo

From WikiMezmur, the free amharic mezmur lyrics database.
ዘልለው ለመሔድ፦ የማውጫ ቁልፎች, ፍለጋ
ሌሎች ፡ የድሮ ፡ መዝሙሮች
(Other Classic Mezmur Lyrics)

Jajjabeessaa
Jajjabeessaa Saba Koo
Jajjabeessaa Waldaa Koo
Jajjabeessaa Ijoollee Koo
Jedha WAAQNI Kessan

Kan wal'aalanis naa gorsaa
Kan dadhabanis jabeessaa
Sagalee Koo naa barsiisaa
Mootummaa Koo naa bal'isaa

Jajjabeessaa
Jajjabeessaa Saba Koo
Jajjabeessaa Waldaa Koo
Jajjabeessaa Ijoollee Koo
Jedha WAAQNI Kessan

Akka tiksituutti naa eegaa
Saba Koo isin harkaan fudhaa
Hundumaa walitti nan qaba
Kan bades nana barbaaddadha

Jajjabeessaa
Jajjabeessaa Saba Koo
Jajjabeessaa Waldaa Koo
Jajjabeessaa Ijoollee Koo
Jedha WAAQNI Kessan

Karaa koo naa qulqulleessaa
Waldaa koo naa jajjabeessaa
Irree koo jabaa hubadhaa
Na WAAQA Keessan yaadadhaa
Jedha WAAQNI Keessaan

Jajjabeessaa
Jajjabeessaa Saba Koo
Jajjabeessaa Waldaa Koo
Jajjabeessaa Ijoollee Koo
Jedha WAAQNI Kessan

Humna guddaadhaan nan dhufaa
Saba Koo naa jajjabeessaa
Gufuu jiru hundaa buqqisaa
Hojii seexanaa balleessaa
Jedha WAAQNI Kessan

Jajjabeessaa
Jajjabeessaa Saba Koo
Jajjabeessaa Waldaa Koo
Jajjabeessaa Ijoollee Koo
Jedha WAAQNI Kessan

Misiraachoo himaa kan rafeetti
Dammaqee ka'ee akka eegutti
Hin sodaatin hin yeella'in
Dubbiin koo kan fayyinaa ti
Jedha WAAQNI Keessan

Jajjabeessaa
Jajjabeessaa Saba Koo
Jajjabeessaa Waldaa Koo
Jajjabeessaa Ijoollee Koo
Jedha WAAQNI Kessan