Iyyee Gara Keetti Hin Yeellaane

From WikiMezmur, the free amharic mezmur lyrics database.
ዘልለው ለመሔድ፦ የማውጫ ቁልፎች, ፍለጋ
ሌሎች ፡ የድሮ ፡ መዝሙሮች
(Other Classic Mezmur Lyrics)

Iyyee gara keetti hin yeellaane
Waan ani si kadheef deebii hin dhabne
Iyya mucaa kee dhageessee
Garaa jaalalaan na bira geesse

Da'oo naa taatee gaachana koo,
Guyyaa gidiraatti furtee lubbuu koo
Kan biyya-lafaa cufaa masara
Maaa keetiin isa irra utaaleera (2x)

Iyyee gara keetti hin yeellaane
Waan ani si kadheef deebii hin dhabne
Iyya mucaa kee dhageessee
Garaa jaalalaan na bira geesse

Biyya-lafaatti gowwummaa fakkaata
Humna kee YESUS maaltu hubata
Xinnoo fakkaadhus biyya-lafaatti
Gooftaan na waame akka arjummaa isaatti (2x)


Iyyee gara keetti hin yeellaane
Waan ani si kadheef deebii hin dhabne
Iyya mucaa kee dhageessee
Garaa jaalalaan na bira geesse

Taa'ee yommuun iyye karaa gubbaatti
Gargaarsa argachuuf biyya-lafaattii
Homtuu hin dhageenye sagalee koo
Waan na dhageesseef ulfaadhu Abbaa koo (2x)

Mucaa kee ta'uu koo nan bare
Guyyaa gadda kootti na simachuu kee
Otuun si hin beekin na jaallachuu kee
Baruma-baraan ha ulfaatu maqaan kee (2x)

Iyyee gara keetti hin yeellaane
Waan ani si kadheef deebii hin dhabne
Iyya mucaa kee dhageessee
Garaa jaalalaan na bira geesse