Ishoo Hin Qaana'e Diinni Koo

From WikiMezmur, the free amharic mezmur lyrics database.
ዘልለው ለመሔድ፦ የማውጫ ቁልፎች, ፍለጋ

Ishoo hin qaana'e diinni koo (2x)
Hidhatee kan ka'e waa'ee koo
Kunoo ni haara'e barri koo (2x)
Beekamee maqaan Waaqa koo

Mandara keenya YESUSitu darbdee
Guyyaan yadatamuu keenyaa ni qaqqabe
Jaamaa ta'uun keenya egas ni hafee
YESUS nuu dhufnaan ifni nuuf ife

Ishoo hin qaana'e diinni koo (2x)
Hidhatee kan ka'e waa'ee koo
Kunoo ni haara'e barri koo (2x)
Beekamee maqaan Waaqa koo


Maaltu dhaga'ame achii? jedhanii
Namoon baay'een dinqisifatani
Yammuu ilaalan nutti dhiyaatanii
Dinqii WAAQAYYOO kunoo argani

Ishoo hin qaana'e diinni koo (2x)
Hidhatee kan ka'e waa'ee koo
Kunoo ni haara'e barri koo (2x)
Beekamee maqaan Waaqa koo

Calluma hin jedhu Gooftan si achi
Hojii mana isaa jalqabeeraa ti
Dinqii isaa durii asiitti raawwata
Seexannis iyyee asii baqata

Ishoo hin qaana'e diinni koo (2x)
Hidhatee kan ka'e waa'ee koo
Kunoo ni haara'e barri koo (2x)
Beekamee maqaan Waaqa koo

Sichi naafti nu giddutti utaala
Gophoon diriiree, jaamaan ilaala
Hiboon jireenya keenya ni hiikamaa
Kakuun WAAQAYYOO ni raawwatama

Ishoo hin qaana'e diinni koo (2x)
Hidhatee kan ka'e waa'ee koo
Kunoo ni haara'e barri koo (2x)
Beekamee maqaan Waaqa koo