Irraan Olee Na Wajjin Baatee

From WikiMezmur, the free amharic mezmur lyrics database.
ዘልለው ለመሔድ፦ የማውጫ ቁልፎች, ፍለጋ
ሌሎች ፡ የድሮ ፡ መዝሙሮች
(Other Classic Mezmur Lyrics)

          Irraan olee na wajjin baatee
          Irran gadees na duukaa buute
          Mudaa tokko malees na gaggeesite
          Har'aan na geesseetta Gooftaa galata kee

Mudhii koo humna kee tiin hidachifte
Gargaarsa kee gaachana gootee naaf laatte
Harki kee mirgaas ana hirkise
Kan asiin na geesse Yesus galata kee

          Irraan olee na wajjin baatee
          Irran gadees na duukaa buute
          Mudaa tokko malees na gaggeesite
          Har'aan na geesseetta Gooftaa galata kee

Ati qobaa kee kattaa koo fi da'oo koo ti
Qabbaneeffadheera gaaddisa bobaa kee jalatti
Arjummaa kee isa gaariin na ilaalte
Kan yoonaan na geesse Gooftaa ko galata kee

          Irraan olee na wajjin baatee
          Irran gadees na duukaa buute
          Mudaa tokko malees na gaggeesite
          Har'aan na geesseetta Gooftaa galata kee

Kiyyoo diinni qopheesse caccabsite
Dukkana keessattis ifa naa taate
Keellaa ibiddaa kee tiin na marsite
Kan har'aan na geesse mootii ko galata kee

          Irraan olee na wajjin baatee
          Irran gadees na duukaa buute
          Mudaa tokko malees na gaggeesite
          Har'aan na geesseetta Gooftaa galata kee