Hiriyyaan Hiriyyaa Caalu

From WikiMezmur, the free amharic mezmur lyrics database.
ዘልለው ለመሔድ፦ የማውጫ ቁልፎች, ፍለጋ
ሌሎች ፡ የድሮ ፡ መዝሙሮች
(Other Classic Mezmur Lyrics)

Hiriyyaan hiriyyaa caalu
Beekaan beekotaa irraan olii
YESUS koo duwwaa dha bakka hundaa kan namaa ga'u
Hundumaa kan danda'u

Namni yeroo dhaaf baay'ee na jaallate
Ani dhukkubsadhee cifinaan hundu na baqate
Jaalalli YESUS koo ergan du'e hin hafne
Ulfinaan na dhaabee awwaala koo banee jireenya naa kenne
Haa ulfaatu ahaa, haa ulfaatu kan jireenya namaaf laatu

Hiriyyaan hiriyyaa caalu
Beekaan beekotaa irraan olii
YESUS koo duwwaa dha bakka hundaa kan namaa ga'u
Hundumaa kan danda'u

Jireenyi koo hundinuu yaaddoodhaan guutame
Keessi namummaan koo nagaa yommuu dhabe
Gargaaraan koo YESUS gargarsa naa ta'e
Gammachuun na guutee nagaa isaa naa keenne lamuu akkan hin dhiphanne
Ol-ol ha jedhu ahaa, ol-ol ha jedhu kan ba'a nama irraa fuudhu

Hiriyyaan hiriyyaa caalu
Beekaan beekotaa irraan olii
YESUS koo duwwaa dha bakka hundaa kan namaa ga'u
Hundumaa kan danda'u

YESUS abbaa koo hunda irra caalaa koo
Badiisaa na baaftee jijjirte seenaa koo
Michuu amanamaa YESUS abbaa iyyeessaa
Oolmaa ati anaaf oolteef yeroo hundumaan maaqa kee ol kaasa
Ha galatoomu ahaa, ha galatoomu kan akka isaa hin argamu

Hiriyyaan hiriyyaa caalu
Beekaan beekotaa irraan olii
YESUS koo duwwaa dha bakka hundaa kan namaa ga'u
Hundumaa kan danda'u