Gufannaa Miilla Koo Oolchiteetta

From WikiMezmur, the free amharic mezmur lyrics database.
ዘልለው ለመሔድ፦ የማውጫ ቁልፎች, ፍለጋ
ሌሎች ፡ የድሮ ፡ መዝሙሮች
(Other Classic Mezmur Lyrics)

Gufannaa miilla koo oolchiteetta
Du'a irraa lubbuu koo eegdeetta
Kan na eegu hin mugdu, hin raftu
Bobaa kee jalaa eenyu iyyuu nan hatu 2x

Kanaan dura waa'ee kee nan dhaga'e
Har'a garuu iji koo si arge
Nan gammada Gooftaan Koo na Yaadate
Nan ililcha YESUS koo na fo'ate 2x

Gufannaa miilla koo oolchiteetta
Du'a irraa lubbuu koo eegdeetta
Kan na eegu hin mugdu, hin raftu
Bobaa kee jalaa eenyu iyyuu nan hatu 2x

Ergan si arge jireenyi naaf tole
Dibata ho'aan bifa koo bareechite
Galataan afaan koo na guutte
Akka jabbii coome na buraaqsiste 2x

Gufannaa miilla koo oolchiteetta
Du'a irraa lubbuu koo eegdeetta
Kan na eegu hin mugdu, hin raftu
Bobaa kee jalaa eenyu iyyuu nan hatu 2x

Duri illee dukkana keessan ture
Amma garuu qolli ija koo irraa bu'e
Ha ulfaatu Gooftaa koo maqaan kee
Naman ta'e boquu koo ol naa qabde 2x

Gufannaa miilla koo oolchiteetta
Du'a irraa lubbuu koo eegdeetta
Kan na eegu hin mugdu, hin raftu
Bobaa kee jalaa eenyu iyyuu nan hatu 2x

Jaalalli kee baay'isee na dhiba
Garaa koo irraas na ajaa'ibsiisa
Siin jiraadha guutummaa bara koo
Siif ka'aatameera jaalallee lubuu koo 2x

Gufannaa miilla koo oolchiteetta
Du'a irraa lubbuu koo eegdeetta
Kan na eegu hin mugdu, hin raftu
Bobaa kee jalaa eenyu iyyuu nan hatu 2x