Gooftaa Yesus Gochaa Ati Naa Goote

From WikiMezmur, the free amharic mezmur lyrics database.
ዘልለው ለመሔድ፦ የማውጫ ቁልፎች, ፍለጋ
ሌሎች ፡ የድሮ ፡ መዝሙሮች
(Other Classic Mezmur Lyrics)

Goofta YESUS Gochaa ati Naa Goote Kanaan Dura
Hin irraanfadhu yeroo hundaa fula koo dura jira
Hin moofa'u yerooma yerootti ni hara'a
Eebba kee kanaaf galatan siif galcha gaafa hundumaa

Araarri kee akka burqaa bishaaniti hin cinnee dha
Odeessee hin fixu, lakka'ee hin dhumu baay'ee baay'ee dha
Waanan argee fi kan na qaqqabe dhugaan odeessaa
Harki abbummaa kee inni na gargaare uggum eebbisaa

Goofta YESUS Gochaa ati Naa Goote Kanaan Dura
Hin irraanfadhu yeroo hundaa fula koo dura jira
Hin moofa'u yerooma yerootti ni hara'a
Eebba kee kanaaf galatan siif galcha gaafa hundumaa

Bitaa fi mirgaa koo ilaalee yommuun homaa dhabee
Harka keen argee utuun hin badiin dhufee na qabee
Humna dhabee gonkumaa dhabachuu yommun dadhabe
Jireenya koof ati utubaa taatee dhabachiiste

Goofta YESUS Gochaa ati Naa Goote Kanaan Dura
Hin irraanfadhu yeroo hundaa fula koo dura jira
Hin moofa'u yerooma yerootti ni hara'a
Eebba kee kanaaf galatan siif galcha gaafa hundumaa

Akki hojii kee hubachuun isaa namaa hin dandaa'amu
Ogeessi ogummaa isaatiin bira ga'uu hin danda'u
Jaalala kee fi tola keef gatiin isaa hin argamu
Akkasumattin galanni gudaan isaa siif ha ta'u

Goofta YESUS Gochaa ati Naa Goote Kanaan Dura
Hin irraanfadhu yeroo hundaa fula koo dura jira
Hin moofa'u yerooma yerootti ni hara'a
Eebba kee kanaaf galatan siif galcha gaafa hundumaa