dhaggeeffattin (Gooftaa Yesus Galanni Siif Ha Ta'u)

From WikiMezmur, the free amharic mezmur lyrics database.
ዘልለው ለመሔድ፦ የማውጫ ቁልፎች, ፍለጋ

Gooftaa YESUS galanni siif ha ta'u (3x)
Mootii koo maqaan kee ha mo'u (3x)

Hundumaa otuu qabduu nama deegaa taatee
Cubbuu otuu hin jojjetin yakka koof dhiphate
Ulfina kee dhiiftee anaaf tuffatamtee
Du'a mootee kaatee jireenya naa laatte

Gooftaa YESUS galanni siif ha ta'u (3x)
Mootii koo maqaan kee ha mo'u (3x)

Ba'aa cubbuu kootii na irraa fuutee owwaaltee
Dukkana du'aattii iffatti na baafte
Iddoo ko yeellaatee ulfina naa laattee
Diina lubbuu kootii anaaf yellaasiftee

Gooftaa YESUS galanni siif ha ta'u (3x)
Mootii koo maqaan kee ha mo'u (3x)

Dhagaa guddaa fo'ee yommuu si irraa kaa'e
Nan ajjeese se'ee diinni yommuu garmaame
Gaafa guyyaa saddi'ii ati woo ni uma kaate
Guddina surraa kee humna kee uffattee

Gooftaa YESUS galanni siif ha ta'u (3x)
Mootii koo maqaan kee ha mo'u (3x)