Galanni Waaqayyoo Fi Waaqa Irratti Haa Ta'u

From WikiMezmur, the free amharic mezmur lyrics database.
ዘልለው ለመሔድ፦ የማውጫ ቁልፎች, ፍለጋ
ሌሎች ፡ የድሮ ፡ መዝሙሮች
(Other Classic Mezmur Lyrics)

Galanni WAAQAYYOOf WAAQA irratti haa ta'u
Nagaanis namootaaf lafa irratti haa ta'u
Ameen haalle-luyyaa YESUS dhalateera
Dukkani hin jiru nu irraa cala'eera
Ifni nu ba'eera

Afaan raajotaatiin dur akka dubbate
WAAQAYYO kakuu isaa saba isaaf yaadate
Misiraachoo himna fayyisaan dhufeera
Dukkanatti hin hafne ifni nuu ba'eera

Galanni WAAQAYYOOf WAAQA irratti haa ta'u
Nagaanis namootaaf lafa irratti haa ta'u
Ameen haalle-luyyaa YESUS dhalateera
Dukkani hin jiru nu irraa cala'eera
Ifni nu ba'eera

Mucaan nuu dhalatee Betelhemitti
Dalla sa'aa keessatti iddoo gad-debitti
Ifni WAAQAA garuu isa irratti ni ibsa
Biyya lafatti himuuf fayyisaa ta'uu isaa

Galanni WAAQAYYOOf WAAQA irratti haa ta'u
Nagaanis namootaaf lafa irratti haa ta'u
Ameen haalle-luyyaa YESUS dhalateera
Dukkani hin jiru nu irraa cala'eera
Ifni nu ba'eera

Gamnas, WAAQA jabaa, Abbaa araaraatii
Murtiin isaa qajeelaa angafa nagaa ti
Mootummaan isaa baay'ee tolli isaas hin dhumu
Maqaan isaas dinqii dha YESUS kan jedhamu

Galanni WAAQAYYOOf WAAQA irratti haa ta'u
Nagaanis namootaaf lafa irratti haa ta'u
Ameen haalle-luyyaa YESUS dhalateera
Dukkani hin jiru nu irraa cala'eera
Ifni nu ba'eera

Ergamoon WAAQAA WAAQAYYOOn faarfatu
Qooqa bareedaadhaan dinqii isaa dubbatu
Kottaa nuyi ni kaana WAAQAYYOOn eebbifna
Fayyisaan nuu dhufee ililleen simanna

Galanni WAAQAYYOOf WAAQA irratti haa ta'u
Nagaanis namootaaf lafa irratti haa ta'u
Ameen haalle-luyyaa YESUS dhalateera
Dukkani hin jiru nu irraa cala'eera
Ifni nu ba'eera