Galanni Galanni

From WikiMezmur, the free amharic mezmur lyrics database.
ዘልለው ለመሔድ፦ የማውጫ ቁልፎች, ፍለጋ
ሌሎች ፡ የድሮ ፡ መዝሙሮች
(Other Classic Mezmur Lyrics)

Galanni (4x)
Ulfinni ulfinni guddinni guddinni
WAAQAYYOf haa ta'u baruma-baraani
Inni dinqii godhu hin jijjiramu inni

Worri Filisxeemi nutti hinaafanii
Burqituu keenyatti biyyoo uwwisani
Didee dhuma yaa'ee humni isaa jaaa dha
Mtaa gubbaa darbee baay'ee isaanii iyyuu liqimseera

Galanni (4x)
Ulfinni ulfinni guddinni guddinni
WAAQAYYOf haa ta'u baruma-baraani
Inni dinqii godhu hin jijjiramu inni

Biyya ormaa keessatti baayy'ifnee gaddinee
Dhiphuun badna seenee yommuttii yaaddofne
Lolli nurratti ka'ee warra mootii taanee
Guyyaa gara guyyaatti WAAQAYYOO immoo nu baayy'ise

Galanni (4x)
Ulfinni ulfinni guddinni guddinni
WAAQAYYOf haa ta'u baruma-baraani
Inni dinqii godhu hin jijjiramu inni

Burqaan keenya burqee yaa'eef fagoo ga'ee
Lafa gogaa duraa baay'ee isaanii jiise
Midhaan facaafannee ittiin guddateera
Iji isaa bilchaatee sanyiif keewwanneerra

Galanni (4x)
Ulfinni ulfinni guddinni guddinni
WAAQAYYOf haa ta'u baruma-baraani
Inni dinqii godhu hin jijjiramu inni

WAAQQAYYO haa ulfaatu nu si'achi hin badnu
Humni WAAQAA fi lafaa homtinuu nu hin raasu
Jabaannee dhaabanna mo'ichi kan keenyaa
Gooftaatu nuu hidhee hidhaa mudhii keenyaa.

Galanni (4x)
Ulfinni ulfinni guddinni guddinni
WAAQAYYOf haa ta'u baruma-baraani
Inni dinqii godhu hin jijjiramu inni

Burqaan bishaanichaa Gooftaa keenya harka
Maqaan Isaa haa ulfaatu nu irratti lolaasa
Yeroo gara yerootti dheebuuttii nu baasa
Jireenya hin dabarretti ittiin nu geggeessa

Galanni (4x)
Ulfinni ulfinni guddinni guddinni
WAAQAYYOf haa ta'u baruma-baraani
Inni dinqii godhu hin jijjiramu inni