Eebba Isaa Nuu Kenne Gooftaan

From WikiMezmur, the free amharic mezmur lyrics database.
ዘልለው ለመሔድ፦ የማውጫ ቁልፎች, ፍለጋ
ሌሎች ፡ የድሮ ፡ መዝሙሮች
(Other Classic Mezmur Lyrics)

          Eebba issa, eebba isaa eebba isaa
          Nuu kenne Gooftaa faarfanna
          Kanaan waan nu ga'eef
          Maqaa isaa weeddifna
          Ilillee fi gammachuun galata galchina

Kiyyoo diina keenyaa, jigsee, jigsee, jigsee
Fuula keenya turee kan nu sodaachise
Nu homaa hin dandeenye maqaa Gooftaa waamne
Isatuu humna isaatiin mo'icha nuu kenne.

          Eebba issa, eebba isaa eebba isaa
          Nuu kenne Gooftaa faarfanna
          Kanaan waan nu ga'eef
          Maqaa isaa weeddifna
          Ilillee fi gammachuun galata galchina

Humni keenya bu'ee abdiin keenyua dhumee
Waan jennus wal'aallee teenye wal ilaalle
Dhiphina keenya arge YESUS nuu birmate
Maqaan isaa haa ulfaatu teessoon isaas jabaatee

          Eebba issa, eebba isaa eebba isaa
          Nuu kenne Gooftaa faarfanna
          Kanaan waan nu ga'eef
          Maqaa isaa weeddifna
          Ilillee fi gammachuun galata galchina

Haalloo diina keenyaatti dabarsee nu hin laanne
Lubbuu keenya eegee jireenya nuu kenne
Mo'icha argannee kunoo dhaabanneerra
Galata kee jenna Waaqa Abbaa araara.

          Eebba issa, eebba isaa eebba isaa
          Nuu kenne Gooftaa faarfanna
          Kanaan waan nu ga'eef
          Maqaa isaa weeddifna
          Ilillee fi gammachuun galata galchina