Diini Koo Ofumaa Barbaada

From WikiMezmur, the free amharic mezmur lyrics database.
ዘልለው ለመሔድ፦ የማውጫ ቁልፎች, ፍለጋ
ሌሎች ፡ የድሮ ፡ መዝሙሮች
(Other Classic Mezmur Lyrics)

Diinni koo ofumaa barbaada,
Gooftaa warra du'an keessa
Hin jiru duwwaa dha awwaalichi
Ka'eera YESUS Gooftichi.

Guyyaan dhuma isaa tii akka ga'e beekee
Gooftaa isa jiraataa ajjeesuuf kakate
Kan sodaate hin oolleef awwaalatu diigamee
Sanbata ganamaan dinqiitu argame

Diinni koo ofumaa barbaada,
Gooftaa warra du'an keessa
Hin jiru duwwaa dha awwaalichi
Ka'eera YESUS Gooftichi.

Waardiyyaa dhaabeetu Gooftaa koo egsisa
Maal gowwaan akkasii kun maaluma qoosa
Diini si darbatee dhagaa si irra kaa'e
Guyyaa sadaffaatti Gooftaan koo ol ka'e

Diinni koo ofumaa barbaada,
Gooftaa warra du'an keessa
Hin jiru duwwaa dha awwaalichi
Ka'eera YESUS Gooftichi.

Ha du'u YESUS yammutti jedhame
Walii-galee diinni isan mo'e se'e
Magaalaa keessa oduu utuu bittimsuu
YESUS garuu ka'ee saba isaatti mul'ate

Diinni koo ofumaa barbaada,
Gooftaa warra du'an keessa
Hin jiru duwwaa dha awwaalichi
Ka'eera YESUS Gooftichi.

Du'aa ka'ee anaan du'aa na kaaseeraa
Angoon du'aas kunoo amma cabeeraa
Duutni iyyuu na hin mo'u diina koo beekkadhu
YESUS Gooftaa dha abdii kee kutadhu

Diinni koo ofumaa barbaada,
Gooftaa warra du'an keessa
Hin jiru duwwaa dha awwaalichi
Ka'eera YESUS Gooftichi.