Arrabni Koo ililleedhaan

From WikiMezmur, the free amharic mezmur lyrics database.
ዘልለው ለመሔድ፦ የማውጫ ቁልፎች, ፍለጋ
ሌሎች ፡ የድሮ ፡ መዝሙሮች
(Other Classic Mezmur Lyrics)

Arrabni koo ililleedhaan si ha galateefatu
Afaan koo ulfina kee ha dubatu
Olmaan ati naaf oolte
Gochaan ati naaf goote
YESUS cal nan jechisiisu
Kanaafan Gooftaa koo
Kanaafan Mootii koo
Kanaafan Abbaa koo
Maqaa keen ol qaba ani si'uman weeddisa
Waaqaa fi lafa irrattis ulfinaan siif kenna

Gufuu jireenya koo Gooftaa buqqifteetta
Golaa fi goorduba koo Mootii koo dhuunfatte
Qabeenya koo hundaa ati naa eebbifte
Mana koo keessatti ulfinaan mul'ate

Arrabni koo ililleedhaan si ha galateefatu
Afaan koo ulfina kee ha dubatu
Olmaan ati naaf oolte
Gochaan ati naaf goote
YESUS cal nan jechisiisu
Kanaafan Gooftaa koo
Kanaafan Mootii koo
Kanaafan Abbaa koo
Maqaa keen ol qaba ani si'uman weeddisa
Waaqaa fi lafa irrattis ulfinaan siif kenna

Milla koo dhiquudhaan mana koo naa seente
Jaalala dhugaadhaan Gooftaa na utubde
Erga ati seente ani nagaan argadhe
Seenaa jireenya koo YESUS koo geeddarte

Arrabni koo ililleedhaan si ha galateefatu
Afaan koo ulfina kee ha dubatu
Olmaan ati naaf oolte
Gochaan ati naaf goote
YESUS cal nan jechisiisu
Kanaafan Gooftaa koo
Kanaafan Mootii koo
Kanaafan Abbaa koo
Maqaa keen ol qaba ani si'uman weeddisa
Waaqaa fi lafa irrattis ulfinaan siif kenna

Qophaa koo ti jedhee yammuttiin dhiphadhe
Sodaadhaan qabamee ani baay'een raafame
Mucaa koo hin sodaatin hin na'in naan jett
Masaraa mana koo dhuftee jabeesite

Arrabni koo ililleedhaan si ha galateefatu
Afaan koo ulfina kee ha dubatu
Olmaan ati naaf oolte
Gochaan ati naaf goote
YESUS cal nan jechisiisu
Kanaafan Gooftaa koo
Kanaafan Mootii koo
Kanaafan Abbaa koo
Maqaa keen ol qaba ani si'uman weeddisa
Waaqaa fi lafa irrattis ulfinaan siif kenna

Akeeka diina koo Gooftaa rukutteetta
Imimmaan ija koos mootii an irraa haqxe
Abdi kutannaa koo anaaf haaresite
Amanamaa taatee mana koof dhaabatte