Amantii Naa Kenni

From WikiMezmur, the free amharic mezmur lyrics database.
ዘልለው ለመሔድ፦ የማውጫ ቁልፎች, ፍለጋ

Amantii naa kenni yaa garraamii Gooftaa
Na jabeessi
Cubbuu koo calaasi nagaa kee naa kenni
Garaa koo qulleessi siif haa ta'uu

Humna kee naa kenni siif akkan jiraadhu
Na ho'isi
Ati akka naa duute na gargaaris immoo
Akkan siif gubadhu dubbii dhugaatti

Diinni yoo na marse cubbuun yoo na hidhes
Ati na oolchi
Dukkanas naa ibis gaddas naaf salphisi
Kristoos naaf birmadhu gaaf hundumaa

Bara dulluma koo duuni yommuu dhufu
Na gargaari
YESUS amaanuel kottuu na fudhadhu
Bobaa keetti na baadhu yaa mootii koo