Alfaa Omeegaa

From WikiMezmur, the free amharic mezmur lyrics database.
ዘልለው ለመሔድ፦ የማውጫ ቁልፎች, ፍለጋ
ሌሎች ፡ የድሮ ፡ መዝሙሮች
(Other Classic Mezmur Lyrics)

Alfaa Omeega kan taate Elshaadaay ati
Waaqaa fi lafa kan diriirse Uumaa hundumaa ti
Nagaanfi jaalalaan kan guute Abbaa araara ti
Hojii kee fi gochaa kee Gooftaa argne har'as

Sagalee kee jabaadhaan yommuu ati dubbattu
Eenyutu danda'a Gooftaa humna kee dhowwuu
Waan jette hundaa ni raawwaatta, abdii kan namaaf laatte
Toora isaa otuu hin jal'isin yeroo yeroo isaatti eegdee
Kan akka kee ti hin turre hin jiru hin argamus
Waaqa dhugaa tokkicha si duwwaa argine nuyis

Alfaa Omeega kan taate Elshaadaay ati
Waaqaa fi lafa kan diriirse Uumaa hundumaa ti
Nagaanfi jaalalaan kan guute Abbaa araara ti
Hojii kee fi gochaa kee Gooftaa argne har'as

Har'as nu gidduu jirta sagalee kee ni dhageenya
Humna Hafuura Qulqullun otuu hojettuu ni argina
Eenyuu nuu hin mar'attu namasd yaada hin gaafattu
Qophaa kee kan jabaatte hunduma kan dandeessu
Isa gaari fi hamaa dhaaf qixxeetti aduu kan baaftu
Otuu wal hin caalchisin bokkaa kee kan roobsitu

Alfaa Omeega kan taate Elshaadaay ati
Waaqaa fi lafa kan diriirse Uumaa hundumaa ti
Nagaanfi jaalalaan kan guute Abbaa araara ti
Hojii kee fi gochaa kee Gooftaa argne har'as

Nama hundumaa ni nubatta al tokkichaan argita
gaabbee kan si waammate araara keen mila'atta
Xinnaa fi guddaa otuu hin jedhin akka-akka keennaa isaatti
Itti siqxee deebifta karaa kee isa gaaritti
Ijoollee kee ni jaallatta lakkobsa isaanii beekta
Iddoo iddoo isaan jiranitti eebba kee irraa isaan soorta

Alfaa Omeega kan taate Elshaadaay ati
Waaqaa fi lafa kan diriirse Uumaa hundumaa ti
Nagaanfi jaalalaan kan guute Abbaa araara ti
Hojii kee fi gochaa kee Gooftaa argne har'as