Abiddi Hafuuraa Bobaee Hin Dhaamu

From WikiMezmur, the free amharic mezmur lyrics database.
ዘልለው ለመሔድ፦ የማውጫ ቁልፎች, ፍለጋ
Broom.png ይህ ፡ ጽሑፍ ፡ ገና ፡ አልተረጋገጠም ። እርማቶች ፡ ሊያስፈልጉት ፡ ይችላል ። ከቻሉ ፡ እርስዎ ፡ ያሻሽሉት
ሌሎች ፡ የድሮ ፡ መዝሙሮች
(Other Classic Mezmur Lyrics)

Abiddi Hafuuraa boba’ee hin dhaamu (2x)
Ya diina saba Waaq abdiin kee ha dhumu (2x)
Humni isaa jabaa dha bar si gubaa
Ta’uu isaa hin dagatin Waaqni keenya jabaa (2x)

Baraa baay’ee dhaaf guddaa dhamaatee
Lubbuu gar tokko bakkeetti ittifte
Seenaan kee ni raawwate ifini kunoo ba’ee
Lubbuun hunduu haa fayyuuf si harkaa booji’ame

Abiddi Hafuuraa boba’ee hin dhaamu (2x)
Ya diina saba Waaq abdiin kee ha dhumu (2x)
Humni isaa jabaa dha bar si gubaa
Ta’uu isaa hin dagatin Waaqni keenya jabaa (2x)

Kiyyoon ogummaa kee sirraatti baramee
Afaan ati cuqqaaltes kunoo ni baname
Ulfina Waaqa isaaf ililleen faarfata
Gooftaa isaa isa fureef weeddisaa galata

Abiddi Hafuuraa boba’ee hin dhaamu (2x)
Ya diina saba Waaq abdiin kee ha dhumu (2x)
Humni isaa jabaa dha bar si gubaa
Ta’uu isaa hin dagatin Waaqni keenya jabaa (2x)

Kellaa isa ijaarte diigiitii gati
Gufuu kekkeesses buqqisi iddootii
Abiddi Hafuuraa kunoo qabateeraa
Yoo dhaamsuudhaaf yaalte si guba ofi irraa

Abiddi Hafuuraa boba’ee hin dhaamu (2x)
Ya diina saba Waaq abdiin kee ha dhumu (2x)
Humni isaa jabaa dha bar si gubaa
Ta’uu isaa hin dagatin Waaqni keenya jabaa (2x)

Dubbiin Wangeelaa abiddi Hafuuraa
Ifnni isaa ba’ee kunoo ka’eera
Akka abidda saafa fura qabate
Balali’aa fiiga baay’ee ariifatee

Abiddi Hafuuraa boba’ee hin dhaamu (2x)
Ya diina saba Waaq abdiin kee ha dhumu (2x)
Humni isaa jabaa dha bar si gubaa
Ta’uu isaa hin dagatin Waaqni keenya jabaa (2x)

Waaqayyotu ka’e eenyutu deebisa
Akka inni hin hojjenneef eenyutu ittisa
Lubbuun hunduu haa fayyuuf ni raawwata fedha isaa
Gurri hunduu ni dhaga’a dubbii Wangeela isaa

Abiddi Hafuuraa boba’ee hin dhaamu (2x)
Ya diina saba Waaq abdiin kee ha dhumu (2x)
Humni isaa jabaa dha bar si gubaa
Ta’uu isaa hin dagatin Waaqni keenya jabaa (2x)