Abboommii Haaraan Nuu Kenname

From WikiMezmur, the free amharic mezmur lyrics database.
ዘልለው ለመሔድ፦ የማውጫ ቁልፎች, ፍለጋ
ሌሎች ፡ የድሮ ፡ መዝሙሮች
(Other Classic Mezmur Lyrics)

Abboommii haaraan nuu kenname,
Akka wal-jaallannu.
Abboommii haaraan nuu kenname,
Akka wal-jaallannu.

Afaan ergamootaan, otuu illee dubbadhee
Raajiis otuun ta’ee, dhoksaa hundaa baree
Amantii hunda illee, otuman qabaadhee
Jaalala yoon dhabe, homaa waa naa hin goone

Abboommii haaraan . . .

Jaalalli hin boonuu, jaalalli hin hinaafu
Cubbuutti hin gammadu, dhugaatti gammada
Hundumaa danda’a, hundumaa amana
Hunduma abdata, hundumas ni obsa

Abboommii haaraan . . .

Raajiin hin darba woo, afaanis ni hafa
Amantiin hin darbu, jaalalaa wajjin
Ni jiraata amantiin, abdiini fi jaalalli
Isaan kana keessaa, ni caala jaalalli

Abboommii haaraan . . .